1 Corinthians 8:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami marti ammoo dhugaa tana hin beeku. Worri gariin haga ammaa waaqota dharaa waaqonfatiisa waan barataneef, foon horii qalamee san yennaa nyaatanu, akka foon waaqota dharaatiif qalameetitti yaadatan; wodanaan isaaniille dadhabaa waan te'eef hin battowan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nami ch'ufti d'uga tana imbeekhu. Nami gari ya waan harkaani boch'ani kana aka male barate, yo sagale akana tana nyaatani ch'ufa sagale waan harkaani boch'ani baasani sehani; heregi worraa waan laafa, waan sagaleeni suni worra t'ureesitu sehani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo namii cuftii dhugaa tana hinbeeku; namii garii ya waan harkaan bocan kana akka malee barate, yo sagalee akkanaa tana nyaatan cufa sagalee waan harkaan bocanii baasan seehan; herregii warraa waan laafaa, waan sagaleen sun warra xureesitu sehan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo, beekkumsi kun namoota maraa biratti hin argamu, gariin ammo haga ammaa waan waaqa tolfamaa barataniif ka waaqa tolfama'aaf woreegame jedhan waan nyaataniif sammuun isaanii dadhabaa waan ta'eef hin xuraaya.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, beekkomsi kun namoota maraa biratti hin argamu, gariin ammoo waaqa tolffamaa haga ammaa waan barataniif ka waaqa tolffama'aaf woreegame jedhan waan nyaataniif sammuun isaanii dadhabaa waan ta'eef hin xuraaya.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu kana ka beekan maraa miti, tokko tokko haga ammaa titti Waaqa sobaan hojjataman waaqeffachuu waan barataniif, foon ka nyaatan akka waan Waaqa harkaan hojjatamaniif qalamee taasisaaniiti, kanaaf sammuun isaanii dadhabaa ta'uu isaatiin ni battaayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami marti ammoo dhugaa tana hin beeku. Worri gariin haga ammaa waaqota dharaa waaqonfatiisa waan barataneef, foon horii qalamee san yennaa nyaatanu, akka foon waaqota dharaatiif qalameetitti yaadatan; wodanaan isaaniille dadhabaa waan te'eef hin battowan.