1 Corinthians 9:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri dhibiinuu waan akkasii isin irraa dhaggatiisaaf mirga ka qabanu yoo teete, nuuti mirga kana caalu attam qabaatuu dhanna ree? Nuuti ammoo mirga kanatti hin fayyadanne. Oduu Gammadaa ta Kiristoositiif gufuu akka hin teeneef, nuuti waan mara ossanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo biyyiti waan kana isani iraa fud'atte, nuleeni hagasi iraa isani iraa fud'achu himmalle? Taatule nu ammalle waan kana imfud'anne. Ammo nu waan ch'ufa obsine, aka gufu tokole daandi Odu Dansa ta Kristo dura inkeenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo biyyitii waan kana isan irraa fudhatte, nu hagas irra isan irraa fudhachuu hin mallee? Taatuullee nu ammallee waan kana hinfudhanne. Nu ammoo waan cufaa akka gufuu tokkollee daandii oduu dansaa Kiristoo dura hinkeenne obsine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo ka worri biraa isin irraa mirga gargaarsaa qoodaman ta'e, nu mirga kana caalu attamitti hin qabaanne ree? Waa maraa hin obsina malee mirga kanatti hin fayyadamne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yoo worri biraa isin irraa mirga gargaarsaa ka qoodaman ta'e, nu mirga kana caalu attamitti hin qabaannee ree? Waa maraa hin obsina malee, mirga kanatti hin fayyadamne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kuunniin waan kana isin irraa qoodamu'uuf mirga ka qaban yoo taate eegaa, nu'u mirga kana caalu attamitti hin qabaanne ree? Nu'u garuu mirga kanatti hin fayyadaminne, kana taasisuun keenna'llee dubbii gammachuu Kristosii babaldhisuu irraa akka ufi duuba hin deebine yaadu'uun waan maraa obissinee, haa dandeennu jenneeti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri dhibiinuu waan akkasii isin irraa dhaggatiisaaf mirga ka qabanu yoo teete, nuuti mirga kana caalu attam qabaatuu dhanna ree? Nuuti ammoo mirga kanatti hin fayyadanne. Oduu Gammadaa ta Kiristoosiitiif gufuu akka hin teeneef, nuuti waan mara ossanne.