1 Corinthians 9:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma worri Oduu Gammadaa lallabu waan ittiin le'anu hujii tana irraa akka dhaggatanu Goottaan ajajeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akasuma Aabbooni ya worra Odu Dansa odeesule, Waan jiraataniini achi argad'a jed'eeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkasumaa Aabboon ya warra oduu dansaa odeessullen, waan jirattanin achii argadha jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma ammo worri Dubbii Nagayaa himan waan ittiin jiraatan hujii kana irraa akka argatan Gooftaan seera kaayeera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma ammoo Oduu Nagayaa worri himan waan ittiin jiraatan hujii kana irraa akka argatan Gooftaan seera kaayeera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana ammoo wongeela worri barsiisan nyaata isaanii hujima isaanii kana irraa, akka argataniif Gooftaan ajajee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma worri Oduu Gammadaa lallabu waan ittiin le'anu hujii tana irraa akka dhaggatanu Goottaan ajajeera.