1 Corinthians 9:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani ammoo mirga kana keessaa tokkolle'etti hin fayyadanne; kana ka barreessaarulle akka tana anaa gootanuufii moti. Waan ani ittiin ifi jaju nami gatii dhassiisu'uu mannaa du'u naa woyya.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan kana tokole imfud'anne, yokhaani anini waan kana aka argad'uufi tatabe tana int'aamne. Fulla ufi guddisiiti tiyya bilaasha tolchani duisati ira na jira!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin waan kana tokkollee hinfudhanne, yokaan anin akka waan kana argadhuuf ergaa tana hindhaamne; fulaa ufi guddisiitii tiyya waan homaa hinbaane tolchan du'a isaatti irra naa jira!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani ammo kanniin maraa irraa womaa hin fayyadamne. Akkana akka naaf ta'uuf kana hin barreessu. Eennullee waan ani ittiin boonu ka duwwaa na jalaa godhee mannaa du'a naa woyya.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani ammo kanniin maraa irraa womaa hin fayyadamne. Akkana akka naaf ta'uuf kana hin barreessu. Eennullee waan ani ittiin boonu duwwaa kana jalaa godhee mannaa du'a naa woyya.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani garuu mriga kanniin tokkottuu hin fayyadaminne, kana'llee ka barreesse mirgi kiyya kun maal'iif uduu naa hin kabajamin hafe? jechu'uunii miti. Naminni waan ani ittiin dhaadadhu tasa najalaa taasisuu irra, uduu du'ee naa woyya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ammoo mirga kana keessaa tokkolle'etti hin fayyadanne; kana ka barreessaarulle akka tana naa gootanuufii moti. Waan ani ittiin ifi jaju nami gatii dhassiisu'uu mannaa du'u naa woyya.