1 Corinthians 9:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Fedha kiyyaan tana yoo godhe, gatii hin dhaggadha; fedha kiyya malee yoo godhe ammoo, hujii Waaqa biraa hadara'aan anatti kennnante muummesse jechu'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo sila anini huji tiyya fed'iini tolche, hori na baasu malani; ammo waan na tolchisiisaniifi, akasi aka anini huji nati kennani tolchu male agarsiisa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo anin silaa hujii tiyya fedhiin hojjadhe horii naa baasuu malan; ammoo waan Waaqii akka anin hojjadhu natti keenneef inhojjadha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kana yoo fedha kiyyaan godhe ammo mindaa waan qabuuf. Fedha malee yoo godhe ammo, hujiin sooru'uu kun yaboo cima'atu natti kennameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kana yoo fedha kiyyaan godhe ammoo mindaa waan qabuf. Fedha malee yoo godhe ammo, hujiin sooru'uu kun yaboo cima'atu natti kennameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubbii wongeelaa dirqama malee fedha kiyyaan yoo lallabe, gatii dadhabbi'ii ni qabaadha, dirqamaan yoo raawwadhe garuu, itti gaafatama yabo'oon natti kenname raawwadhe malee, ka bira'aa wonitti ani taasise woyiituu ni jira jechu'uu miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fedha kiyyaan tana yoo godhe, gatii hin dhaggadha; fedha kiyya malee yoo godhe ammoo, hujii Waaqa biraa hadara'aan natti kennante muummesse jechu'u.