1 Corinthians 9:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaa te'uun kiyya worra dhibii biratti fadhatama dhabulle, ani isiniif ergama'a. Sababille, Gootta'atti waan dhugeeffattaneef isinuu beessisa eregama te'iisa kiyyaa ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato nami gari ergattu naani injennele, isani inuma naani jettani! Isanumaani, maro jireenna keesani ka Aabbootiifi, aka anini ergattu ingarsiiftani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo namii garii ergamaa naan jechuu baateellee, isan inuma naan jettani! Isanummaanuu, marroo jireenna keessan ka Aabbootiif akka anin ergamaa hingarsiiftan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Chaappaan ergamummaa kiyyaa Goofta'aan isin waan taataniif yoma kaawwaniifillee ergamaa hin taane, isiniif garuu dhugamaan ergama'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Chaappaan ergamummaa kiyyaa Gooftaan isin taataniif kaawwaniifillee yoo ergamaa hin taane, isiniif garuu waan fedhellee yoo ta'e ani ergama'a. Worra na qoraniifillee deebiin kiyya kana.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Goofta'aan chaaphaan mirkanneessaan ergatamummaa kiyyaa isin waan taataniif, yoma kaaniiniif'llee ergatamaa ta'uu dhabaadhe'llee isiniif garuu dhugamaan ergatama'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaa te'uun kiyya worra dhibii biratti fudhatama dhabulle, ani isiniif ergama'a. Sababille, Gootta'atti waan dhugeeffattaneef isinuu beessisa ergamaa te'iisa kiyyaa ti.