1 Corinthians 9:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worra dhugeeffanna'aan dadhabaa te'e fayyisiisaaf, akka worra dadhaba'aa te'e. Worra garii fayyisiisaaf nama duudii woliin waan duudii te'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo worra d'ugefacha diqo qabu woliini jirru anileeni ufi laafisa, aka worra hirkisu. Anini nama ch'ufa ya waan ch'ufa tahe, aka anini nama gari kara dandau ch'ufaani baasu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo warra dhugeeffachaa diqqoo qabu waliin jiruu, akka warra dabsandhu anilleen ufi laaffisa. Anin akka nama garii karaa danda'uu cufaan baasuu, nama cufaa ya waan cufaa tahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra dadhaban fayyadu'uuf akka worra dadhaba'aa ta'e. Karaa maraanuu gari garii fayyisu'uuf maraa woliin waan maraanuu akka isaanii ta'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra dadhaban fayyadu'uuf akka worra dadhaba'aa ta'e. Karaa maraanuu gari garii fayyisu'uuf maraa woliin waan maraanuu akka isaanii ta'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amanti'iin dadhaboota worra ta'an fayyisu'uuf jecha, akka dadhabddootaa dadhabaa ni ta'e, waan haga danda'ameetiin muraasa isaanii fayyisu'uuf, maraan woliinuu waan maraa ni ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra dhugeeffanna'aan dadhabaa te'e fayyisiisaaf, akka worra dadhaba'aa te'e. Worra garii fayyisiisaaf nama duudii woliin waan duudii te'e.