1 Corinthians 9:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani eebba Wongeelaa qoodamiisaaf, Wongeelaaf jedhee tana duudii godha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana ch'ufa anini maro Odu Dansaatiifi tolcha, aka eeba isii qoodad'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka eebba isii keessaa argadhu, anin waan kana cufa marroo oduu dansaatiif tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbii Nagayaa keessatti hirmaataa ta'u'uuf, waan Dubbii Nagayaatiif maraa godha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Oduu Nagayaa keessatti hirmaataa ta'u'uuf, waan Oduu Nagayaatiif maraa godha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana maraa raawwachuun kiyya eebba wongeelaa qoodamu'uuf, waayee wongeelaatiif jedheeti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani eebba Wongeelaa qoodamiisaaf, Wongeelaaf jedhee tana duudii godha.