1 Corinthians 9:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri wol doggomu duudiin akka rukkisuu fi isaan keessaa tokkochi callaan badhaasa akka fudhatu hin beettanuu? Isinille akkasuma badhaasa akka dhaggattanu rukkisa'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Woldogoomsu keesa nama hedduti oria, ammo toko ch'allati wo argata. Akasi imbeetaniyu? Aka wo argattani utaala duuba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waldoggoomsuu keessa nama hedduutti ori'aa, ammoo tokko callatti wa argataa; akkas hinbeettaniiyyuu? Akka wa argattan ori'aa duuba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hulee wol morkii fiigichaatitti namni maruu hin fiiga. Haa ta'uu ammo ka badhaafamu tokkicha akka ta'e hin beettanii? Isinillee akkasuma akka badhaasa argattan fiigaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hulee wol morkii fiigichaatitti namni maruu hin fiiga. Haata'uu ammoo ka badhaafamu tokkicha akka ta'e hin beettanii? Isinillee akkasuma akka badhaasa argattan fiigaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Wol dorgommii fiigichaatiin akkuma marrinuu fiiganii fi isaan keessaa'llee tokko qoftti badhaasa akka fudhatu, ni beekittanii mitii ree? Kanaaf isin'llee badhaasa fudhachu'uuf fiigaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri wol doggomu duudiin akka rukkisuu fi isaan keessaa tokkochi callaan badhaasa akka fudhatu hin beettanuu? Isinille akkasuma badhaasa akka dhaggattanu rukkisa'a.