1 Corinthians 9:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri doggommo'oof qophawu mara leenjii jadduu leenji'a. Isaan badhaasa taree badu dhaggatiisaaf kana godhan; nuuti ammoo badhaasa bara baraa akka dhaggannuuf tana goona.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami utaalcha barachu fed'u ch'ufti waan infakaanne iraa ufi d'owu male; inni aka sure haga jirtu inteenne mata gubba keyatufi akasi tolcha; ammo nu, aka ta haga hegeri teetu argannuufi akana tolchina.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii utaalcha barachuu fedhu cuftii waan hinfakkaanne irraa ufi dhowwuu male; innii akka surree haga jirtu hinteenne mataa gubbaa keeyatuuf akkas tolcha; nu ammoo akka ta haga jiruu jereenna teetu argannuuf akkana tolchina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka wondhaansa bayu maruu waan maraanuu nafa ufii hin eeggata. Kunniin kennaa badu argachu'uuf; nu ammo ka hin banne argachu'uuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka wandhansa bayu maruu, waan maraanuu nafa ufii hin eeggata. Kunniin kennaa badu argachu'uuf, nu ammoo ka hin banne argachu'uuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fiigichaan worri dorgoman marrinuu shaakala dadhabsiisaa ni taasisan, isaan akkanatti ka dadhaban ka baduu fi gonfata yero'oof ta'u argachu'uuf, nu'u garuu ka dadhabnnu ka hin badinnee fi gonfata bara baraa ka ta'e argachu'uuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri doggommo'oof qophowu mara leenjii jadduu leenji'a. Isaan badhaasa taree badu dhaggatiisaaf kana godhan; nuuti ammoo badhaasa bara baraa akka dhaggannuuf tana goona.