1 Corinthians 9:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami loltuu te'ee mindaa malee beesee ifiitiin tajaajilu eennu? Nami muka woyni'ii dhaabee midhaan isi'ii hin nyaanne eennu? Nami horii tissaa aanan hin unne eennu?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eentu askarti hori male hojatu d'agaye? Yokhaani abba oobru kamiti mid'aani oobru isaa inyaanne? Yokhaani abba ree ka aanani ree ufi ind'unne?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eentu loltuu ta'ee horii ufiitiin hojjata? Yokaan abbaa oobruu kamiitti midhaan oobruu isaa hin nyaanne? Namii horii tissu aanan horii ufii hindhuguu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sirima namni birrii ufiitiin loltuu ta'ee tajaajilu eennu? Yookaan woyinii dhaabee ka daraaraa hin nyaanne eennu? Yookaan horii tissa'aa ka aannan hori'ii hin dhunne eennu?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sirima namni birrii ufiitiin loltuu ta'ee tajaajilu eennu? Yookiin woyinii dhaabee, ka daraaraa hin nyaanne eennu? Yookiin horii tissa'aa ka aannan hori'ii hin dhunne eennu?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mindaa malee qarshii mataa isaatiin lolttumma'aan ka tajaajilu eennu? Woyinnii dhaabee firii isaa irraa ka hin nyaanne hoo eennu? Gobbuu tissa'aa aanan gobbu'uu ka hin dhuginne eennu?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami loltuu te'ee mindaa malee beesee ifiitiin tajaajilu eennu? Nami muka woyni'ii dhaabee midhaan isi'ii hin nyaanne eennu? Nami horii tissaa aanan hin unne eennu?