1 John 1:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Jiruun tun mudhifanteerti; nuutille dhaggineerra, dhugaalle hin baana. Jiruu bara baraa ta Abbaa woliin turtee, nu'utti mudhifante tana isinitti hinna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jireenni kunini mullannaani argine; tanaafi waan isaa dubbanna, ammalle waan jireenna hegeri ka Abba woliini jiru, ka nu beesisani, isaniti himna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jireennii kunin mullannaan arginee tanaaf waan isaa dubbanna, ammallee waan jireenna hegerii ka Aabbaa waliin jiru, ka nu beessisan, isaniitti himna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jireenni mudhate nulle argineerra hin rannalle'e; jireenna bara baraa ka Aabbaan bira ture, ka nuttillee mudhate isinitti himna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jireenni mudhate nulle argineerra hin rannalle'e, jireenna bara baraa ka Aabbaan bira ture, ka nuttillee mudhate isinitti himna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jireenni kun mulidhatee jira, nu'llee argineenii jirra, ragaa ni baana'lle'e. Waaqa Abbaa bira ka turee fi nu'utti'llee ka mulidhate, jireenna bara baraa ni dubbanna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jiruun tun mudhifanteerti; nuutille dhaggineerra, dhugaalle hin baana. Jiruu bara baraa ta Abbaa woliin turtee, nu'utti mudhifante tana isinitti hinna.