1 John 1:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ergaan nuuti isa irraa dhageennee isinitti hinnu, “Waaqi ifa; dukkanti isa keessa ijjumaa hin jirtu” ta jettu tana.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'aamsi nu Ilma isaa ira d'ageenne isaniti himnu kana: Waaqi ifsa, isa keesa dukanti tokoleeni injirtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhaamsii nu Ilma isaa irraa dhageennee isanitti himnu kana: Waaqii ifa, isa keessa dukkantii tokkoolleen hinjirtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti isa irraa dhageenne dhaamsi isinittillee himnu, «Rabbi ifa; dukkanti sirimaa isa bira hin jirtu» ka jedhu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Wonti isa irraa dhagenne dhaamsi isinittillee himnu, «Rabbi ifa; dukkanti sirimaa isa bira hin jirtu» ka jedhu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka isa irraa dhageennee fi ergaan isinitti himnnu'llee, «Waaqinni ifa, dukkanitti'llee isa bira gonkumaa hin jiru» ka jedhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergaan nuuti isa irraa dhageennee isinitti hinnu, «Waaqi ifa; dukkanti isa keessa ijjumaa hin jirtu» ta jettu tana.