1 John 2:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami obboleessa ifii jibbu ammoo dukkana keessa le'a, dukkana keessa ideema, dukkantille ila isaa waan qaddeef gara itti ideemiisatti jiruuyyu hin beeku.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nami oboleesa ufi jibbu dukana keesa jira, ammalle dukana keesa dedeema; gara deemule imbeekhu, waan dukanti lafa argu isa d'owarteefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo namii obboleessa ufii jibbu dukkana keessa jira, ammallee dukkana keessa dedeema, waan dukkantii lafa argu dhoorteef, gara deemuullee hinbeeku.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka obboleessa ufii jibbu ammo dukkana keessa jira; dukkana keessa jiraatalle'e; gara deemullee hin beeku waan dukkanti ija isaa jaamsiteertuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka obboleessa ufii jibbu ammoo dukkana keessa jira, dukkana keessa jiraatalle'e, gara deemullee hin beeku. Waan dukkanti ija isaa jaamsiteertuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Obboleesa isaa ka jibbu garuu dukkana keessa ni jiraata, dukkanaan'llee ni dedeebi'a, dukkntti'llee ija isaa waan jaamisseeniif, gara itti deemu hin beeku.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami obboleessa ifii jibbu ammoo dukkana keessa le'a, dukkana keessa ideema, dukkantille ila isaa waan qaddeef gara itti ideemiisatti jiruuyyu hin beeku.