1 John 2:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ijoolle! Abbaa waan beettaneef isiniif barreessa. Abbooti'i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneef isiniif barreessa. Dargaggoota! Jajjaba waan teetaneef, jechi Waaqaalle isin keessa waan jiruu fi Hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini isani t'aafa, ijoolle, waan isani Abba beetaniifi. Anini isanii t'aafa, abbooti, waan isani ka haguma qara jiru beetaniifi. Anini isanii t'aafa, kaima, waan isani jabaattani, dubbini Waaqaa isani keesa jirtuufi, ammalle waan isani Hama Kaani dabsattaniifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ijoolle! Waan isan Aabbaa beettaniif anin isanii barreessa. Aabbootii! Waan isan ka qaraa fiixe jiru beettaniifii, anin isanii barreessa. Isanii kahimaa! Waan isan jabaattanii, dubbiin Waaqaa isan keessa jirtuufii, ammallee waan isan hamaa kaan dabsattaniifii, anin isanii barreessa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abboota! ka duraan jiru waan beettaniif isinii barreessa. Ka'imman! jajjaboota waan taataniif, dubbiin Rabbii waan isin keessa jiruuf, waan hamaa waan mooyattaniif isinii barreessa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abboota, waan ka duraan jiru waan beettaniif isinii barreessa. Ka'imman, jajjaboota waan taataniif dubbiin Rabbii waan isin keessa jiruuf waan hamaa waan mooyattaniif isinii barreessa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa ijoolle, Waaqa Abbaa waan beekittaniif isinii ni barreessa. Yaa abbootii, jalqabumaayyuu ka ture waan beekitaniiniif, isiniif barreessee jira. Yaa dargaggoota, jajaboota waan taatanii fi dubbiin Waaqaa'llee onnee teessan keessa waan jiraatuuf, sheexana'llee waan injifattaniif isiniif barreessee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ijoolle! Abbaa waan beettaneef isiniif barreessa. Abbooti'i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneef isiniif barreessa. Dargaggoota! Jajjaba waan teetaneef, jechi Waaqaalle isin keessa waan jiruu fi hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa.