1 John 2:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni biyya lafaa keessa jiru maraa: halchaan foonii, halchaan ilaatii fi waan qabanuun kooruun, biyya lafaa irraa dhutti malee, Waaqa Abbaa irraa hin dhuttu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti lafa keesa jira ch'ufti, d'araa nafatiifi d'araa ilaatiifi finna nami jaalatuleeni gara Abbaati ind'umne, ammo lafuma keesaa d'ufe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii lafa keessa jiraa cuftii, dharraa nafaa, kajellaa ilaatii fi qabeenni namii dhaabbatu gara Aabbaati hindhumnee, ammoo lafuma keessaa dhufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti adunyaa keessa jiru maruu: dharraa foonii, waan ija namaatitti bareedu, hori'iin boonuun waan adunya'aati malee ka Aabba'aatii miti. Eennullee yoo adunyaa tana jaalate, jaalalti Rabbii isa keessa hin jirtu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Wonti adunyaa keessa jiru maruu: dharraa foonii, waan ija namaatitti bareedu, hori'iin boonuun waan adunya'aati malee, ka Aabba'aatii miti. Eennullee adunyaa tana yoo jaalate, jaalalti Rabbii isa keessa hin jiru.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Biyya lafaa keessa ka jiru marrinuu hawwii foonii, kajeellaa ijaa, ufi dhaaduu jireennaa marrinuu biyya lafaa irraayyi malee, Waaqa Abbaa biraayyii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni biyya lafaa keessa jiru maraa: halchaan foonii, halchaan ilaatii fi waan qabanuun kooruun, biyya lafaa irraa dhutti malee, Waaqa Abbaa irraa hin dhuttu.