1 John 2:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Biyyi lafaatii fi halchaan isi'ii marti hin tarti; nami fedhii Waaqaa muumessu ammoo haga bara baraa le'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafafi d'araani isileeni indabarti, ammo nami fed'i Waaqa tolchu haga hegeri taa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Lafaa fi dharraan isiilleen indabarti, ammoo namii fedhii Waaqaa tolchu haga jiruu jereennaa jiraata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Adunyaanii fi dharraan isi'ii hin lufti. Namni fedhii Rabbii raawwatu ammo bara baraan jiraata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Adunyaaniif dharraan isi'ii hin lufti. Namni fedhii Rabbii raawwatu ammoo bara baraan jiraata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Biyyi lafaatii fi hawwiin isaa'llee ni dabrran. Fedhii Waaqaa ka raawwatu garuu, bara baraaf ni jiraata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Biyyi lafaatii fi halchaan isi'ii marti hin tarti; nami fedhii Waaqaa muummessu ammoo haga bara baraa le'a.