1 John 2:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan nu keessaa bayane malee, keennaa moti; adoo keenna te'anee sila nu'uma woliin jiraataniiyyu. Isaan ammoo nu lakkisanee deemiisaan keenna te'uu dhabuu isaanii mudhisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri kunini qarale gumi teennaaniti, tanaafi nu biraa yaa; yo sila gumi teenna keesa jiraatani, nu woliini taani. Ammo wonti worri nu biraa yaeefi aka tokoleeni gumi teenna intahiini agarsiifti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii kunin qaraallee gumii teennaanitii, tanaaf nu biraa yaa. Yo silaa gumii teenna keessa jiraattan, nu waliin ta'a. Ammoo wantii warrii nu biraa yaa'eef akka jarii tokkoolleen gumii teenna hintahiin agarsiifti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan nu biraa bayan malee worra keennaa miti. Uduu worra keenna ta'anii silaa nu woliin jiraatan. Haa ta'uu ammo maruu akka worra keenna hin taane beessisu'uuf bayan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan nu biraa bayan malee worra keennaa miti. Uduu worra keenna ta'anii silaa nu woliin jiraatan. Haata'uu ammoo maruu akka worra keenna hin taane beessisu'uuf bayan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan numa jiddu'uu bayan. Haata'u malee isaan durumaanuu gara keennaa hin turre. Gara keennaa uduu ta'anii jiraataniitii, nu'uun woliin'llee jabaatanii ni jiraatan turan. Garuu marrinuu gara gosa keennaatii ta'uu dhabuun isaanii akka beekkamuuf, nu jiddu'uu fooyamanii bayanii jiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan nu keessaa bayane malee, keennaa moti; adoo keenna te'anee sila nu'uma woliin jiraataniiyyu. Isaan ammoo nu lakkisanee deemiisaan keenna te'uu dhabuu isaanii mudhisane.