1 John 2:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ayyaanni isin Kiristoos irraa fudhattane ammoo isin keessa hin jiraata; inni waan isin barsiisuuf, eennulle akka isin barsiisuuf hin barbaachisu. Inni waan mara isin hin barsiisa; wonni inni barsiisulle dhuga'a, dharti keessa hin jirtu. Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi isin barsiisetti Kiristoosiin jiraadha'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yayu muudani; haga Lubbuuni suni isani woliini jirtu, nama isani barsiisu imfeetani. Lubbuuni waan ch'ufa isani barsiifti, wonti isiini isani barsiiftu waan d'ugaati, d'araaniti. Barsiisa Lubbu ch'aqasa, Kristo keesa taa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Afuura Kiristootin Yaa isan muudan; haga hafuurii sun isan waliin jiru, nama isan barsiisu hinfeettan. Hafuurii waan cufa isan barsiisa, wantii innii isan barsiisuu waan dhugaati, dharaaniti. Barsiisa hafuuraa caqassaa, karaa Kiristoo keessa jiraadhaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dibanni isin Kiristoosiin irraa argattan isin irra jira. Eennullee isin barsiisuu hin barbaachisu. Haa ta'uu ammo dibanni Ayyaanaa waa maraa akka isin barsiisu, dhugaa akka ta'ee fi akka soba hin taane akkuma isin barsiisan sanitti isaan jiraadhaa'a!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dibanni isin Kiristoosiin irraa argattan isin irra jira. Eennullee isin barsiisuu hin barbaachisu. Haata'uu ammoo dibanni Ayyaanaa waa maraa akka isin barsiisu, dhugaa akka ta'eef soba akka hin taane akkuma isin barsiisan sanitti isaan jiraadhaa'a!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kristosiin irraa hafuurri fudhattan keessa keessan waan jiraatuuf barsiisaa bira'aa isin hin barbaachisu, inni waan maraa isin ni barsiisa, ka isin barsiisu'llee dhuga'a malee sobaa miti, kanaaf Hafuurri Qulqulluun akka isin barsiisuuf, Kristosiin jiraadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ayyaanni isin Kiristoos irraa fudhattane ammoo isin keessa hin jiraata; inni waan isin barsiisuuf, eennulle akka isin barsiisuuf hin barbaachisu. Inni waan mara isin hin barsiisa; wonni inni barsiisulle dhuga'a, dharti keessa hin jirtu. Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi isin barsiisetti Kiristoosiin jiraadha'a!