1 John 3:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akka Qaayinii te'uu hin qannu; inni ka hamaalessaa te'ee obboleessa ifii ijjeese. Inni maaf isa ijjeese? Hujiin isaa hantuu teetee, hujiin obboleessa isaa balchittii waan teeteef isa ijjeesse.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka Kaini tahu himmalle; inni goli Sheet'ana tahe, oboleesa ufi ijeese. Kaini maafi isa ijeese? Maro wonti oboleesi isaa tolche qajeela taate, ta inni tolche hameenna taateefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka Qaayin ta'uu hin malle; innii golii Sheexanaa ta'eetti, obboleessa ufii ijjeese. Qaayin maaf isa ijeese? Mar. roo wantii obbolleessii isaa hojjate qajeela taatee, ta innii hojjate hamtuu taateef obboleessa ufii ijjeesse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ta akka hammeennaan Qaa'el obboleessa ufii ajjeeseetii miti. Maaf ajjeese? waan hujiin isaa hamaa ta'eef; ka obboleessa isaa ammo waan qajeelaa ta'eef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ta akka hammeennaan Qaayel obboleessa ufii ajjeeseetii miti. Maaf ajjeese? waan hujiin isaa hamaa ta'eef, ka obboleessa isaa ammoo waan qajeelaa ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara gosa sheexanaatii ka tureetii fi obboleessa isaa akka ka ajjeesee akka Qaayelii ta'uu nu irraa hin malu, inni obboleessa isaa waayee maali'iitiif ajjeesseen? Hujiin isaa hamaa waan turee fi hujiin obboleessaa isaa garuu sirrii waan tureef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka Qaayinii te'uu hin qannu; inni ka hamaalessaa te'ee obboleessa ifii ijjeese. Inni maaf isa ijjeese? Hujiin isaa hantuu teetee, hujiin obboleessa isaa balchittii waan teeteef isa ijjeese.