1 John 3:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu'uuf kenneef, jaalalti maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aki nu jaalala beennu kana: Kristoni jireenna ufi nuu baase. Nuleeni duuba jireenna keenna oboleyaani teenna baasu malle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan Kiristoon lubbuu ufii nuu keenneef jaalaltii maal akka taate la baranne. Nulleen duuba jireenna keenna obboleeyyaan teennaa baasuu malle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni waan lubbuu ufii dabarsee nuu kenneeruuf, jaalalti maal akka taate kanaan beenna. Nullee waan obboleewwan teennaatiif lubbuu teenna kennuu nu barbaachisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni waan lubbuu ufii dabarsee nuu kenneeruuf, jaalalti maal akka taate kanaan beenna. Nullee waan obboleewwan teennaatiif lubbuu teennaa kennuu nu barbaachisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jaalalli maal akka ta'e ka beekinnu Yesus Kristos lubbuu isaa nu'uuf dabarssee waan kenneef, nu'llee lubbuu teenna waayee obboleeyyan teennaatiif dabarssinee kennuun ni mala.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu'uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna.