1 John 3:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te'uu malee yennaa Kiristoos deebi'ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jaallani tiyya, nu amma ijoolle Waaqati, ammo ammalle waan iti yaanu aka dansa imbeennu. Ammo waan kana imbeenna: Yo Kristoni mullate nu aka isaa taana waan nu aka inni jiru arginufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jaallan tiyya, nu amma ijoollee Waaqaati, ammoo ammallee waan itti yaanu akka dansaa hinbeennu. Ammoo waan kana inbeenna: yo Kiristoon mullatee, waan akka innii jiru arginuuf nu akka isaa taana.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Goshoota tiyya! amma nu'u ijoollee Rabbiiti; uf afoo maal akka taanu hin beekkamne. Haa ta'uu ammo hennaa inni deebi'ee dhufu akkuma jiruun akka isa fakkaannu hin beenna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Goshoota tiyya, amma nu'u ijoollee Rabbiiti uf afoo maal akka taanu hin beekkamne. Haata'uu ammoo hennaa inni deebi'ee dhufu akkuma jiruun akka isa fakkaannu hin beenna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa waaheloota! Nu'u amma ijoollee Waaqaati, ufi durana maal akka taanu amma'llee hin beekkaminne, garuu yeroo Kristos itti mulidhatutti bifa isaa ka dhuga'aa waan arginuuf, isa akka fakkaannu ni beekinna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te'uu malee yennaa Kiristoos deebi'ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna.