1 John 3:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ajaji Waaqaa, Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffannuu fi akkuma inni nu ajaje akka wol jaallannu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti inni fed'u tana: aka nu Ilma isaa Yeso Kristo d'ugefanne, aka Kristoni nuti hime woljaalannu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii innii fedhu tana: akka nu ilma isaa Yesus Kiristoo dhugeeffanne, akka innii nutti hime waljaalannu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajanyi isaallee kana; akka maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti amannuu fi akka wol jaalannuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ajanyi isaallee kana, akka maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti amannuuf akka wol jaalannuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ajajinni Waaqaa maqaa Ilma isaa Yesus Kristosii titti akka amannuu fi akka Kristos nu ajajeen'llee, ufii keennaa akka wol jaalanuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajaji Waaqaa, Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffannuu fi akkuma inni nu ajaje akka wol jaalannu.