1 John 3:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri ajaja Waaqaatiif ajajamu Waaqaan le'a; Waaqille isaan keessa le'a. Ayyaana inni nu'uuf kenneen, akka Waaqi nu keessa jiru beenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami seera Waaqa gula deemu ch'ufti Waaqa keesa jira, Waaqileeni isa keesa jira. Kara kanaani aka Waaqi nu keesa jiru beenna, waan inni Lubbu ufi nuu kenneefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii seera Waaqaa gula yaa'uu cuftii Waaqaa keessa jiraata, Waaqiilleen isa waliin jira. Karaa kanaan akka Waaqii nu keessa jiru beenna, waan innii hafuura ufii nuu kenneef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka ajaja isaa eegu maruu isaan jiraata. Innillee isaan keessa jiraata, akkaataa kanaan akka nu keessa jiru Ayyaana isaa ka inni nuu kenneen beenna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka ajaja isaa eegu maruu, isaan jiraata. Innillee isaan keessa jiraata, akkaataa kanaan akka nu keessa jiru Ayyaana isaa ka inni nuu kenneen beenna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ajaja Waaqaa ka raawwatan marrinuu Waaqaan ni jiraatan, Waaqinni'llee nu keessa jiraachuu isaa ka beekinu, Hafuura inni nuuf kenneen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri ajaja Waaqaatiif ajajamu Waaqaan le'a; Waaqille isaan keessa le'a. Ayyaana inni nu'uuf kenneen, akka Waaqi nu keessa jiru beenna.