1 John 3:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami daba tolchu ka Sheet'anaati, waan Sheet'ani haguma duriiti daba tolchuufi. Ilmi Waaqaa aka huji Sheet'ana dabsatuufi d'ufe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan sheexanii haguma duriitii jalqabee cubbuu hojjatuufii, namii waan cubbuu hojjatu ka sheexanaati. Ilmii Waaqaa akka hujii Sheexanaa balleessuuf dhufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daabiloos duruma irraa jalqabee cubbuu waan hujuuf namni cubbuu hojjatu martuu ka daabiloosiiti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Daabiloos duruma irraa jalqabee cubbuu waan hujuuf, namni cubbuu hojjatu martuu ka daabiloosiiti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sheexanni jalqabumaayyuu kaasee cubbuu waan hojjatuuf, cubbuu ka hojjatu marrinuu worra sheexanaati. Ilmi Waaqaa ka muldhateef'llee hujii sheexanaa diigu'uuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate.