1 John 4:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jaalota tiyya! Ayyaana maraayyuu hin dhugeeffatina'a; raagoti dharaameyyiin hedduun gara biyya lafaa waan yaa'aneeranuuf, ayyaanni isaan qabanu Ayyaana Waaqaa akka te'e qorqora'aatii ilaala'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jaalaani tiyya, nama, Anini Lubbu Waaqa qabu jed'u ch'ufa ind'ugefatiina, ammo gargari hubad'a aka lubbuuni suni gara Waaqati d'ufte. Wonti akanatiifi raagi d'ara hedduuni ya lafa d'ufe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jaallan tiyya, nama, “Anin hafuura Waaqaa qaba” jedhu cufa hindhugeeffatiinaa, ammoo akka hafuurii sun gara Waaqaatti dhufe gargarii hubbadhaa. Wantii akkanaatiif raagii dharaa hedduun ya lafa dhufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Goshoota tiyya! Ayyaana mara hin amaninaa'a, Haa ta'uu ammo ayyaannonni Rabbiin biraa ta'uu isaanii qoradhaa'a. Raadduun sobaa heddu gara adunyaa tanaa waan yaa'aniiraniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Goshoota tiyya, Ayyaana mara hin amaninaa'a, Haata'uu ammoo ayyaannoni Rabbiin biraa ta'uu isaanii qoradhaa'a. Raadduun sobaa heddu gara adunyaa tanaa waan yaa'aniiraniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa waaheloota! biyya lafaa irratti nabiyyoonni dharaa baay'een waan ka'aniif hafuura maraa hin amaninaa, kana irra hafuuronni ka Waaqaa ta'uu isaaniitii fi ta'uu dhabuu isaanii qoradhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jaalota tiyya! Ayyaana maraayyuu hin dhugeeffatina'a; raagoti dharaameyyiin hedduun gara biyya lafaa waan yaa'aneeranuuf, ayyaanni isaan qabanu Ayyaana Waaqaa akka te'e qorqora'aatii ilaala'a.