1 John 4:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Eennulle Waaqa ijjumaa hin dhaggine; yoo wol jaallanne Waaqi nu keessa hin jiraata, jaalalti isaalle nu keessatti guutuu teeti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami taka Waaqa arge injiru; yo nu woljaalanne Waaqi nu keesa jira, jaalalti isaa nu keesati qit'oomti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii takka Waaqaa arge hinjiru; yo nu waljaalanne Waaqii nu keessa jira, jaalaltii isaa nu keessatti qixoofti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka Rabbiin arge eennullee hin jiru. Nu yoo wol jaalanne Rabbi nu keessa jiraata. Jaalalti isaallee nu keessatti guutu'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka Rabbiin arge eennullee hin jiru. Nu yoo wol jaalanne, Rabbi nu keessa jiraata. Jaalalti isaallee nu keessatti guutu'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqa ka arge eennu'llee hin jiru. Nu'u ufii keennaa uduu wol jaalannee Waaqinni nu keessa ni jiraata, jaalalli isaa'llee nu keessatti muda maleessa ni ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eennulle Waaqa ijjumaa hin dhaggine; yoo wol jaalanne Waaqi nu keessa hin jiraata, jaalaltiin isaalle nu keessatti guutuu teeti.