1 John 4:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jaalala keessa sodaan hin jirtu; jaalalti guutuun sodaa baattee gatti; sodaan adabama woliin waan wol qabatteertuuf, nami sodaatu jaalalti isaa guutu'uu moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sodaani jaalala keesa injirtu; jaalalti d'uga soda balleesiti. Tanaafi nama soda qabu keesati jaalalti inqit'oomne, waan sodaani gaargala qabduufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jaalala keessa sodaan hinjirtu; jaalalti dhugaa sodaa balleessiti. Tanaaf nama sodaa qabu keessatti jaalaltii hinqixoomne, waan sodaan muraa yakkaa qabduuf.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jaalala keessa sodaan hin jiru. Jaalalti guutuun sodaa uf keessaa baasee gata. Sodaa keessa yakki waan jiruuf, nama sodaatu jaalalti isaa guutu'uu miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jaalala keessa sodaan hin jiru. Jaalalti guutuun sodaa uf keessaa baasee gata. Sodaa keessa yakki waan jiruuf, nama sodaatu jaalalti isaa guutu'uu miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jaalalli dhuga'aa muda maleessi sodaa ufi keessaa baasee gata malee, jaalalaan saalifachuun hin jiru, sodaan adabbii woliin ka wol qabate waan ta'eef, naminni sodaatu jaalalli isaa muda maleessaa miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jaalala keessa sodaan hin jirtu; jaalaltiin guutuun sodaa baattee gatti; sodaan adabama woliin waan wol qabatteertuuf, nami sodaatu jaalaltiin isaa guutu'uu moti.