1 John 4:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin dhugeessine maraa ka Waaqaatii moti; inniin kun ka akka inni dhufu isin dhageettane, ayyaana Kiristoos mormu. Inni ammumaa biyya lafaa keessa jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo lubbuuni Yeso mormitu gara Waaqati ind'umne. Lubbuuni tunini gara Nyaapa Kristoti d'ufte; aka isiini d'uftu ya d'ageetani, amma ya d'ufte, lafa jirti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hafuurii ammoo akka Yesus nama ta'ee gara Waaqaati dhufee mormu gara Waaqaatii hindhumne. Hafuurii kunin gara nyaapha Kiristootii dhufe; akka innii dhufu ya dhageettan, ammumaa ya dhufee lafa jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ayyaanni Yesuus Kiristoos akka fooniin dhalate hin amanne maruu ka Rabbiitii miti. Innillee Ayyaana Kiristoosiin mormu. Kun akka dhufu dhageettaniirtu, ammumaa adunyaa keessa jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ayyaanni Yesuus Kiristoos akka fooniin dhalate hin amanne maruu ka Rabbiitii miti. Innillee Ayyaana Kiristoosiin mormu. Kun akka dhufu dhageettaniirtu, ammumaa adunyaa keessa jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus Kristos nama ta'ee fooniin mulidhachuu isaa hafuurri hin amanne marrinuu Hafuura Waaqaatii miti, hafuurri kun'llee ni dhufa yoo jedhamu ka dhageettan hafuura mormmataa Kristositi, inni ammmaayyuu biyya lafaa keessa ni jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin dhugeessine maraa ka Waaqaatii moti; inniin kun ka akka inni dhufu isin dhageettane, ayyaana Kiristoos mormu. Inni ammumaa biyya lafaa keessa jira.