1 John 4:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nuuti ka Waaqaa ti. Nami Waaqa beeku maraa nu dhage'a; nami ka Waaqaa hin te'in mara ammoo nu hin dhage'u. Kanaan Ayyaana dhugaamessaa fi ayyaana dharaamessa gargar baannee beenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nu ka Waaqaati. Nami Waaqa beekhu ch'ufti nu ch'aqasa; ka Waaqa imbeenne nu inch'aqasu. Kara kanaani lubbu d'ugatiifi lubbu d'ara gargari beenna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu ammoo ka Waaqaati. Namii Waaqaa beeku cuftii nu caqasa; ka Waaqaa hinbeenne ammoo nu hincaqasu. Karaa kanaan hafuura dhugatii fi hafuura dharaallee gargarii beenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nu ka Rabbiiti; ka Rabbiin beeku nu dhagaya; namni nama Rabbii hin taane nu hin dhagayu, Ayyaana dhuga'aatii fi Ayyaana sobaa kanaan adda baafanna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nu ka Rabbiiti, ka Rabbiin beeku, nu dhagaya, namni nama Rabbii hin taane nu hin dhagayu, Ayyaana dhuga'aatii fi Ayyaana sobaa kanaan adda baafanna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nu'u ka Waaqaati, worri Waaqa beeku marrinuu nu'u ni dhagaya, worri ka Waaqaa hin ta'in garuu nu'u hin dhagayu. Hafuura dhugaaalessaa fi hafuura dharaalessaa addaan baafinne ka beekinnu'llee kanaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti ka Waaqaa ti. Nami Waaqa beeku maraa nu dhage'a; nami ka Waaqaa hin te'in mara ammoo nu hin dhage'u. Kanaan Ayyaana dhugaamessaa fi ayyaana dharaamessa gargar baannee beenna.