1 John 4:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akka nuuti jiruu isaan dhaggannuuf, Waaqi Ilma ifii tokkochuma san gara biyya lafaa ergiisaan, jaalala ifii nu'uuf mudhise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi kara kanaani jaalala ufi nuu garsiise: inni Ilma ufi tokocha lafati erge, aka nu isaani jireenna argannu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii karaa kanaan jaalala ufii nu garsiise: innii Ilma ufii tokkocha lafaatti ergee, akka nu isaanii jireenna argannu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka kanaan Rabbi jaalala ufii nuu ibse. Karaa isaatiin akka jireenna qabaannuuf tokkicha Ilma ufii gara adunyaa tanaa erge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkanaan Rabbi jaalala ufii nuu ibse. Karaa isaatiin tokkocha Ilma ufii gara adunyaa tanaa waan ergeeruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Karaa Ilma isaatiin jireenna akka argannuuf Waaqinni Ilma isaa tokko gara biyya lafaa ergeenii jira, kanaan'llee jaalalli Waaqaa nu jiddu'utti mulidhatee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka nuuti jiruu isaan dhaggannuuf, Waaqi Ilma ifii tokkochuma san gara biyya lafaa ergiisaan, jaalala ifii nu'uuf mudhise.