1 John 5:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami Ilma Waaqaatitti dhugeeffatu, dhugaa baya tana ifi keessaa qaba; nami Waaqa hin dhugeeffanne ammoo, dhugaa baya Waaqi Ilma ifiitiif baye dhugeeffatiisa waan dhabeef, Waaqa dharaamessa godheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami Ilma Waaqa d'ugefatu ch'ufti d'uga tana garaa ufi keesa qaba; ammo nami Waaqa ind'ugefanne ya Waaqa kiyyiba tolche, maro inni waan Waaqi waan Ilma isaa d'ugeese d'ugefachu dideefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii Ilma Waaqaa dhugeeffatu cuftii dhugaa tana garaa ufi keessa qaba; namii ammoo Waaqaa hindhugeeffanne, marroo innii waan Waaqii Ilma ufiiti dhugeesse dhugeeffachuu dideef ya Waaqaa kiyyibaa tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni Ilma Rabbiititti amanu, ragaa kana uf keessaa qaba. Namni Rabbitti hin amanne ragaa Rabbi Ilma ufiitiif baye sanitti waan hin amanneef Rabbiin sobaa taasiseera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni Ilma Rabbiititti amanu, ragaa kana uf keessaa qaba. Namni Rabbitti hin amanne ragaa Rabbi Ilma ufiitiif baye sanitti waan hin amanneef Rabbiin sobaa taasiseera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka Ilma Waaqaa titti amanu ragummaan kun onnee isaa keessa ni jira, Waaqatti ka hin amanne garuu ragummaa Waaqinni waayee ilma isaatiif kenne amanuu dhabuu isaatiin, ka dharaa isaa taasisee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami Ilma Waaqaatitti dhugeeffatu, dhugaa baya tana ifi keessaa qaba; nami Waaqa hin dhugeeffanne ammoo, dhugaa baya Waaqi Ilma ifiitiif baye dhugeeffatiisa waan dhabeef, Waaqa dharaamessa godheera.