1 John 5:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin worri maqaa Ilma Waaqaatitti dhugeeffattannu, jiruu bara baraa akka qaddannu akka beettanuuf, ani tana mara isiniif barreessa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti anini waan kana isanii t'aafuufi, aka isani aka jireenna hegeri qabdani hubattani — isani worri Ilma Waaqa d'ugefatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii anin waan kana isanii barreessuuf, akka isan warrii ilma Waaqaa dhugeeffatu, akka jireenna barbaraa qabdan hubattan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin worri maqaa Ilma Rabbiititti amantan jireenna dhuma hin qabne qabaachuu keessan akka beettaniif ani waan kana isinii barreesseera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin worri maqaa Ilma Rabbiititti amantan jireenna bara baraa qabaachuu keessan akka beettaniif ani waan kana isinii barreesseera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin worri maqaa Ilma Waaqaa titti amanttan marrinuu, jireenna bara baraa ka qabddan ta'uu akka beekittaniif, kana maraa isiniif barreessee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin worri maqaa Ilma Waaqaatitti dhugeeffattanu, jiruu bara baraa akka qaddanu akka beettanuuf, ani tana mara isiniif barreessa.