1 John 5:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Eennulle obboleessi isaa cubbuu du'atti [bara baraatitti] isa hin geessine hujuun yoo dhagge, isaaf daadimatuuti. Waaqi jiruu bara baraa nama saniif hin kenna. Tun worra cubbuu du'a [bara baraatitti] isaan hin geessine hujane calla'aaf teeti. Cubbuun du'a [bara baraatitti] nama geessittu jirti, ta akkanaatiif daadimadhu isaan hin jedhu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami oboleesa ufii ka daba nama ijeesu tolchu arge, ha Waaqa kad'atuufi: aka Waaqi jireenna isaa keennu. Wonti kunini waan nama daba nama ijeesa intolchiini dubbatti. Ammo dabi nama ijeesu injira; anini, daba kana Waaqa kad'ad'a isaniini injed'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii yo obboleessa ufi ka cubbuu du'aan hin gennee hojjatu argee, ha Waaqaa jirenna isa kennuu kadhatuuf. Wantii kunin waan nama cubbuu du'aan nama hingenne hojjatee dubbatti. Ammoo cubbuun du'aan nama gettu injirti, anin marroo cubbuu tana Waaqaa kadhadhaa isaniin hinjedhu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennullee obboleessi isaa cubbuu jeennata bara baraatitti isa hin galchine hennaa huju arge, isaa haa kadhatuu. Rabbi jireenna bara baraa nama saniif hin kenna. Cubbuun gara du'a bara baraatitti nama geessu hin jira. Ani ammo waan kanaaf kadhadhaa'a jechuu kiyyaa miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eennullee obboleessi isaa cubbuu jeennata bara baraatitti isa hin galchine hennaa huju arge, isaa haa kadhatuu. Rabbi jireenna bara baraa nama saniif hin kenna. Cubbuun gara du'a bara baraatitti nama geessu hin jira. Ani ammoo waan kanaaf kadhadhaa'a jechuu kiyyaa miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni kumi'llee cubbuu obboleessa isaa du'aan gayu cubbuu yoo hojjatu yoo isa argeen haa kadhatuuf, cubbuun namichaa du'aan ka isa hin geenne yoo ta'e, Waaqinni jireenna ni kennaaf. Garuu cubbuun du'aan nama gayu ni jira. Cubbuu bifa kanaatiif haa kadhatu hin jedhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eennulle obboleessi isaa cubbuu du'atti [bara baraatitti] isa hin geessine hujuun yoo dhagge, isaaf daadimatuu ti. Waaqi jiruu bara baraa nama saniif hin kenna. Tun worra cubbuu du'a [bara baraatitti] isaan hin geessine hujane calla'aaf teeti. Cubbuun du'a [bara baraatitti] nama geessittu jirti, ta akkanaatiif daadimadhu isaan hin jedhu.