1 John 5:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nuuti ijoollee Waaqaa akka teenee fi biyyi lafaa duudiin hunna Hamaalessaa jala akka jirtu hin beenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu imbeenna aka nu ka Waaqa ammalle aka lafti ch'ufti harka Hama Kaani keesa jirtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu akka ka Waaqaa taane, ammoo akka laftii cuftii harkaa hamaa Kaanii keessa jirtu inbeenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nu ijoollee Rabbii akka taanee fi adunyaan martuu hunna hamaa san jala akka jirtu hin beenna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nu ijoollee Rabbii akka taaneef, adunyaan martuu hunna hamaa san jala akka jirtu hin beenna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nu ka Waaqaa ta'uu keenna ni beekinna. Biyyi lafaa garuu marri isaatuu bitamaa sheexanaa ta'anii jiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti ijoollee Waaqaa akka teenee fi biyyi lafaa duudiin hunna hamaalessaa jala akka jirtu hin beenna.