1 John 5:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ilmi Waaqaa dhufee Waaqa dhugaamessa akka beennuuf, hubantii akka nu'uuf kenne hin beenna. Nuuti Waaqa dhugaamessaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos keessa leena. Waaqi dugaamessi kana, jiruun bara baraalle tana.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee nu akka Ilmii Waaqaa dhufee hubachaa nuu kenne inbeenna, akkasiin Waaqaa Waaqaa dhugaa ta'e beenna, Ilma isaa Yesus Kiristoo keessan nu Waaqaa dhugaa keessa jirra, Waaqii dhugaa kanaa, jireennii hegeriilleen kana.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ilmi Rabbii akka dhufee fi waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jirra. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ilmi Rabbii akka dhufeef waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jira. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ilmi Waaqaa akka dhufee fi Waaqa dhuga'aa'llee akka beekinnuuf, onnee hubattuu akka nuuf kennee ni beekinna, karaa Ilma isaa Yesus Kristositiin, isa Waaqa dhuga'aa woliin tokkummaa ni qabnna. Yesus Kristos Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilmi Waaqaa dhufee Waaqa dhugaamessa akka beennuuf, hubantii akka nu'uuf kenne hin beenna. Nuuti Waaqa dhugaamessaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos keessa leena. Waaqi dhugaamessi kana, jiruun bara baraalle tana.