1 John 5:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ka bisaan cuuphama isaa akeekuu fi dhiiga du'a isaa akeekuun dhufe kun Yesuus Kiristoos. Inni bisaanii fi dhiigaan dhufe malee, bisaan calla'aan hin dhunne. Ayyaanni dhugaa waan te'eef, Ayyaanni ifiifuu tun dhugaa akka teete dhugaa baya.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yeso Kristoni d'iigafi bisaaniini d'ufe. Inni bisaani ch'allaani ind'umne ammo bisaanifi d'iigaani d'ufe. Aka wonti kunini d'uga Lubbuleeni yayu himte, maro Lubbuuni d'ugatiifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus Kiristoon dhiigaa fi bisaaniin dhufe. Innii bisaan callaan hindhumnee, ammoo bisaanii fi dhiigaan dhufe. Mar. roo Hafuurii dhugaatiif, akka wantii kuniin dhugaa Hafuuriilleen ya hime.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bisaanii fi dhiigaan ka dhufe Yesuus Kiristoos. Inni bisaanii fi dhiigaan dhufe malee bisaan calla'aanii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bisaanii fi dhiigaan ka dhufe Yesuus Kiristoos. Inni bisaaniif dhiigaan dhufe malee bisaan calla'aanii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Cuuphama isaa ka mulidhisu bishaanii fi dhiiga du'a isaa mulidhisuun ka dhufe, Yesus Kristos. Inni ka dhufeef bishaan qofaan uduu hin ta'in bishaanii fi dhiigaan. Kun'llee dhugaa waan ta'eef wonitti kun dhugaa ta'uu isaa, Hafuurri Qulqulluun ragaa ni baya,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka bisaan cuuphama isaa akeekuu fi dhiiga du'a isaa akeekuun dhufe kun Yesuus Kiristoos. Inni bisaanii fi dhiigaan dhufe malee, bisaan calla'aan hin dhunne. Ayyaanni dhugaa waan te'eef, Ayyaanni ifiifuu tun dhugaa akka teete dhugaa baya.