1 Kings 1:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni arra yayu d'aqe loonifi hooliyeefi yabbiye gagabbo heddu qale, ilmaani tanteetifi Yoabu gudda askarti tanteetifi qaallicha Abiatharile jila suniti yaame, amuma worri tae hayyu Adonia lubbuuni tante ha d'eeratu! jed'e eebisufi jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni adha sangoota, mirgoole'ee fi hoolota hedduu ciincaa dhiyeesseera; ijoollee mootichaa mara, Iyyoo'aabii ajajaa loltootaatii fi Abiyaatarii gadichallee waameera; kunoo isaan isa afo'otti nyaata'aa dhuga'aa, «Adooniyaas woggaa kumaa haa moowu!» jedha'aaran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa adhaa Adoniyaan korommii hedduu, dardara cocoomaa fi hoolota ciincaa dhikeessee, ilmaan teeti mara, ajajjoota loltootaatii fi hayyicha Abiyaataar waameera; kunoo isaan amma isa woliin nyaataa, unaa, ‹Ee mooticha Adoniya'a, bara hedduu mootom!› jedhiisatti jiran.