1 Kings 1:45 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
duuba qaallichi Sadoki jed'anifi Nathanini fulla maddo Gihoniti isa muudani. Jennaani worri gammade, iyye lalabe dira duude, tanaafi amma diri ch'ufti ya chochoe. Lalabi isani reefu d'ageetani suni,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saadooqiin gadichinii fi Naataan raattichi burqaa Giyooniititti mootii godhanii isa muudan; achiillee gammada'aa hennaa yaa'an qachattii keessatti laagaa dhageessisan, laagaan isaan dhagayan kana;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
hayyichi Zaadoqii fi raagichi Naataan madda Giihonii biratti, Solomoon muudanee mootii godhane. Achiin duuba kolbaan gammaddee ilillisaa gara qacha'aa deebitee hogisiisatti jirti; hogaan isin dhageettane kun isa.