1 Kings 10:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Solomonini mukha suni dongora mana isaatiifi ka Waaqa tolche, ammalle kiraarifi waan sirbanini d'ibile tolche. Mukhi sunini guddo mimid'aaga, taka lafa sunini ind'umne yokhaani eegi sunile taka ingarre.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Solomoon mukuma sandalaa kana irraa woggaa mana ufiitii fi mana woyyuu meeshaa worri faarfattootaa ka isaan ittiin weeddisan, masiinqo'oo fi meeshaa sagalee dhageessisu hojjate; munni sandalaa kun muka sandalaa ka gara biyya Israa'elii dhufe caala; achiin maayessa munni sandalaa kana fakkaatu sirimaa hin argamne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Solomoon muka sandali'ii kana irraa, waan Galma Mootii Waan Maraatii fi waan mana mootumma'aa, faarfattootaafille kiraaraa guddichaa fi maseenqoo hujisiise; eega bara sanii muki sandali'ii, ka hagana bacatu biyya Israa'eliititti ijjumaa ergamee yookiin dhaggamee hin beeku.