1 Kings 10:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Barch'uma suni faano jaa ta oliini korani qaba, ammalle faano suni ch'ufa gama lachu akheekha nyeench'a irati mid'aasani, duuba akheekhi nyeench'a suni ch'ufti wolti kud'ani lama. Barch'uma gama isaa ka duuba mata korma looni irati mid'aasani, ammalle barch'uma suni fulla d'aatu looni irati mid'aasani, ammalle barch'uma suni fulla d'aatu, ta harka ira keeyatani, gama lachu nyeench'a irati mid'aasani. Barch'uma hayyu ka akasi suni taka lafa d'ibi keesati imid'aasine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
kortoon gara teesso'ootitti ol bayaniin sadarkaa jaha qaba; duubni teesso'oo akka korbobbo'oo marama'a; teessoon bita'aa fi mirgaan hulee itti ciqilfatan qaban; ladda hulee itti ciqilfataniitiin fakiin leencaa tokko tokko dhaabamee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barcumaan mootumma'aa, yaabbannoo jaa qabaayyu; mataan irkoo barcumaa mootumma'aa sun gara duubaa korbateera; middaa fi bita'aan waan harka irra keyatanu qaba; cinaa waan harka irra keyatanu san lamaaniituu fakkii neenqaa lamatti dhaabbateera.