1 Kings 10:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqa kanke ha faarsani! Inni si maache hayyu Israeli si tolche. Waan inni haga jiru jireenna Israeli jaalateefi inni hayyu worraa si tolche, aka atini d'ugaani worra fide seerale jabeesitu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Waandhi Israa'elii ka si jaalatee teessoo mootummaa Israa'elii irra si kaaye haa eebbifamu; Rabbi Israa'eliin baraa haga bara baraa waan jaalateef akka murtii qajeelaa murteessituuf isaan irratti mootii si taasise» jetteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ka sitti gammadee, barcumaa mootummaa Israa'elii irra si teessise leellifamuu ti; Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiif jaalala bara baraa waan qabuuf, haqaa fi balchummaa akka hujjuuf, mootii si godheera» jette.