1 Kings 11:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyichi waan jed'eeni, Maanifi galu feeta? Waan atini arma d'abde jira? Hadadini waan jed'eeni, Woma ind'amne, na gad'iisi jed'e, kae iti d'aabate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fari'oonillee, «Na biraa maal dhabdee gara biyya keetii deemta?» jedheen; innillee «Ani waan tokkollee hin dhabne, garuu hin deema» jedheenii gara biyya ufii gale; haga gara biyya ufii gale worra Israa'elii miidhee biyya Edoomiyaasii irratti mootii ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Gibxi'ii ammoo, «Na biraa maan dhaddee, gara biyya teetii deebi'uu barbaadda?» jedhee isa gaafate? Hadaad deebisee mootichaan, «Womaa hin dhanne; ammoo deemuu barbaada, gara biyya tiyyaa akka deemu naaf eeyyam» jedhe.