1 Kings 11:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Solomonini dubra d'ibba torba fuud'e ammalle nad'eeni d'ibba sadi d'ibi barate worraati galfate. Duuba nad'eeni suni Waaqa iraa isa gorsite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni haawwota manaa dhibba torbaa fi ta mata gala itti galu dhibba sadihi qaba; isaan akka Solomoon Rabbiin irraa fagaatu taasisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Solomoon durra maatii moototaa keessaa niitota dhibba torbaa fi gursumeeyyii dhibba sad qabaayyu; isaan akka inni Waaqa irraa fagaatu godhane.