1 Kings 11:33 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti anini waan kana tolchufi Solomoniti na dide waaqa gosa d'ibi kad'ate: Ashtorethi waaqa Sidoni, Kemoshi waaqa Moabu, Milkomu waaqa Amoni. Solomonini ya waan hamtu tahe na dide, aadaafi seera kiyya ka abbaani isaa Daudini guute, iraa gore.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Solomoon na dhiisee Astaarootii waaqa tolfamaa worra Siidoonii Kaamooshii waaqa tolfamaa Moo'aabii, Miilkoomii waaqa tolfamaa ijoollee Amooniitii waan sagadeef akka abbaan isaa Daawiti qajeelaa ta'e qajeelaa ta'ee ajajaa fi murtii kiyya eegee akka ani fedhutti waan hin jiraanneef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni na lakkisee, waaqa dharaa ta worra Sidoonii Ashitaaroti, waaqa dharaa ka worra Mo'aabii Kemoshii fi waaqa dharaa ka worra Amoonotaa Moleek waan waaqonfateef, ani tana hin godha; inni akka Daawitii abbaa ifii karaa kiyya irra hin ideenne; fuula kiyya duratti waan sirrii te'e hin hunye; seerataa fi ajaja kiyya hin eeganne.