1 Kings 11:38 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo atini dubbi tiyya ch'aqafte seera kiyya guute waan anini fed'u ch'ufa akuma hojattu tiyya Daudi tolchite na gammachiifte anini hojja ch'ufa si woliini jiraad'e, hayyu Israeli si tolche, akuma Daudi tolche d'aloota kankele hayyu lafa tana tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma garbichi kiyya Daawiti godhe waan ani si ajaje maraa yoo dhageette, akka fedha kiyyaatitti yoo jiraatte, afoo kiyyatti waan qajeelaa yoo hojjatte, seeraa fi ajaja kiyya yoo eedde, ani si woliin ta'a; akkuma Daawitii ijaare mana jabaa sii ijaara; worra Israa'eliillee sii kenna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma tajaajilaan kiyya Daawiti godhe, atille waan ani si ajaje mara yoo goote, karaa kiyya irra yoo ideente, seerataa fi ajaja kiyya eegattee, waan sirrii te'e fuula kiyya duratti yoo goote, ani si woliin hin jiraadha; akkuma mootummaa Daawitii jabeesse, mootummaa sanyii teetille hin jabeessa; Israa'elille si'iif hin kenna.