1 Kings 12:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Biyyiti aka hayyuuni worra ch'aqasu didde argite jennaani waan jette, Nu Daudi maani iraa qamne? Ilmi Yese maani nu baha? Worra Israeli, kaa nu galcha! Rehoboamuuni ha qofa hafuuti! Duuba akanaani worri Israeli Rehoboamuti garagale.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Israa'elii maruu akka mootichi isaan hin dhageenne haga argan mootichaan «Nu'u Daawitiin biraa gayee maal qabna? Ilma Isseyii biraa lafa maal qabna? banii Israa'elii gara daaseewwan keessanii deebi'aa galaa'a; Daawiti ati mana kee eegi» jedhanii deebisaniif; achiin maayessa baniin Israa'elii gara daaseewwan ufii deebi'ee gale.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi isaaniif dhage'uu akka dide, Israa'elooti marti yennaa hubatane, mootichaan, «Nuuti Daawiti woliin qooda maan qanna? Ilma Iseyii Daawiti woliin dhaala maan qanna? Ee kolbaa Israa'elii, gara mana keessanii deebi'a'a! Ee sanyii Daawitii, ati kolbaa teeti bulfadhu!» jedhane. Maarre Israa'elooti gara mana ifii deebi'ane.