1 Kings 12:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Israeli aka Yeroboamuni Misirii d'ufe d'agaye jennaani, kora gumi Israeliti isa yaame hayyu tolfate. Gosa Yuda male nami tokoleeni d'aloota Daudi gula imbaane.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Israa'elii maruu akka Iyyoorbi'aam biyya Misiriitii deebi'e haga dhagayan nama itti erganii gara gumii ufii waamanii worra Israa'elii maraa irratti moosisan; worri mootummaa Daawitiitiif amanamaa ta'e gosa Yihuuda'aa calla'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Israa'elooti marti Yerobi'aam akka deebi'e yennaa dhage'ane, gara wolde'a ifii waansisanee, Israa'eloota mara irratti mootii isa godhane. Sanyii Daawitiitiif addatamaa te'ee worri hafe gosa Yihuda'aa qofa.