1 Kings 12:32 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yeroboamuni guyya kud'ani shaneeso ka jia saddeeteeso, jila aka Yuda keesati tolfatani taani tolfate. Fulla sorio iti qalani ta Betheliti, inni sorio korma worqi kaanii baase, ammalle achiti qaalole fulla inni jaare suni hojattu tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyoorbi'aam ayyaana akka Yihuudaa keessatti ayyaanteeffamuu, ji'a saddeetesso'oo guyyaa kudha shaneesso'ootitti, ayyaana waaqa tolfamaa itti ayyaanteeffatan murteesse; fakkeenna worqii irraa hojjachiise, hulee ciinca'aa ka Beeteeliin jiru irratti fakkeenna waaqa tolfamaa waati'iitiif ciincaa dhiyeesse; hulee waaqa tolfamaa itti waaqeffatan ka Beeteeliin jirutti gadoota tajaajilan ramade.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yerobi'aam akkuma jila biyya Yihuda'aatitti jilifatanuu, ji'a saddeetesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti, jila akka jilifatanu murteessee, addee ciinca'aa irratti ciincaa dhikeesse; inni fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujisiise ta Bet'el keessa dhaabe saniif, ciincaa dhikeesse. Inni addee waaqonfanna'aa ta Bet'el keessatti ijaare san keessalle hayyoota tajaajiltu keye.