1 Kings 13:32 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbini AABBO Waaqi isaani jed'e, ta inni waan sorio irati baasani, ta Betheli keesatifi fulla Waaqa iti kad'atani ta dira Samaria ch'ufa keesale dubbate ch'ufti inuma guutamti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti raattichi Rabbii kun armaan dura hulee ciinca'aa ka Beeteeliin keessatti argamu qachoota Samaariya'aa didiqqaa keessatti argamuu fi tulloota irratti sagadan irratti akka Rabbi isa ajajeen dubbate dhugamaan hin raawwatama.» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergaan nami Waaqaa sun, ajaja Mootii Waan Maraatiin addee ciinca'aa ta Bet'elii irratti, addee waaqonfanna'aa ta qachaa Samaariya'aa mara keessaa irratti morme, dhugumaan hin muummotti» jedhe.